TAJAAJILA MISIYOONUMMAA

“Egaa dhaqaa, maqaa Abbaatiif Ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa. Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” isaaniin jedhe.

(Mat 28: 19-20)

Biiftuun Boolee waldaa misiyoonii ti. Bu’uurri walddattiis ergama guddicha misiyoonummaa ti. Hojii babal’isuu wangeelaa, kutaalee biyyaattii wangeelli hin dhaqqabin magaalaa fi baadiyya keessatti adeemsisaa jirti. Kanaafis mishinaroota hedduu ergama walgeelaatiif ergiti.

Waggoottan 25 darban jalqabee buufataalee lallabaa hundeessuudhaan hojii babal’isuu wangeelaa hojjecha jirti. Buufataalee lallabaa 53 gara waldaatti kan guddiste yeroo ta’u, yeroo amma buufataalee lallabaa 49 irratti tajaajila guutuu kennaa jirti. Buufataaleen lallabaa gara waldaatti guddatanis akkasuma of-jalatti buuftatoota lallabaa 114 fudhatanii gara waldaatti kan guddisan yeroo ta’u, 67 f immoo tajaajila wangeelaa kenna jiru.

Tajaajilli misiyoonummaa Biiftuu Boolee, hanga har’aatti waldoolii 267 fi buufataalee lallabaa 116 horatee jira. Sababii dhuga baatii wangeelaa waldattiin karaa buufataalee lallabbaa taasiftuun waggoota 25 keessatti namoota 250,000 olitti wangeelli mootummaa Waaqayyoo lallabameera. Kanneen keessaa, namootni 125,749 Yesuus Kiristoositti amananii fayyina guutuu argatanii jiru.