Diyaaqoniyaan hundee tajaajila Kiristiyaanummaa waldattiin hudeeffama ishee irraa jalqabee hojjetaa jirtu dha. Guutummaa namaa tajaajiluu irratti xiyyeeffatee hojjeta. Hiyyeessota, daandii bultoota, sirreeffamtoota seeraa mana hidhaa keessa jiran hedduudhaaf tumsa garaa garaa taasisa. Tajaajila hafuuraa kennuun cinatti kan beela’an ni soora, kan daaran daara baasa.
Namoota rakkoon dinagdee isaan mudate adda baasee, leenjii garaa garaa kenna. Dabalataanis namoota leenjii fudhataniif maallaqa hojii ittin jalqaban gumaachuudhaan, yeroo amma namoota hedduudhaaf carraa hojii umuu irratii argama.