Biiftuun Boolee gurmuulee kadhannaa waldaa keessattii qindeessuudhaan hojjetti. Dabalatees amantootni waldattii kadhannaatti akka jabaatanii fi akka dammaqan bifa garaa garaatiin tajaajila kana irraa akka hirmaatan, akkasumas itti hirmaatan ni taasifti. Kanneen akka kadhanna wal irraa hin cinne kan sa’atii 24 fi kadhanna magaalaa keessa adeemuun taasifamu irratti amantootni ni hirmaatu.
Warra dhukkubsataniif, guddina hafuuraa amantootaatiif, nageenya biyyaatiif akkasumas dhimmota waldaa Kiristaanaa illaalatan irratti xiyyeeffachuudhaan kadhannaan ni taasisafama.