Biiftuu Boolee kessatti akkaataa kanaan dura hin baratamnetti tajaajilli kun akka qajeelu taasifteetti. Kunis, sabni Oromoo akkaataa aadaa isaa fi duudhaa isaatti, uffaannaa aadaa isaatiin faayamee, shubbisa fi ragada saba issaatiin Waaqayyoon akka galateeffatuu fi waaqeffatu qaraa saaqte. Kunis namoota kumaatamaan lakkaa’aman kan hawwate dha.