Tajaajilli dubartootaaBiiftuu Boolee keessatti shora ol’aanaa qaba. Baay’inaan tajaajila kana keessatti kan hammataman, garee tajaajilaa biroo keessatti; kannen akka tajaajila kadhannaa, keesuumsiisuu fi yeroo tokkummaa amantootaa waldattii qindeessuu irratti hojii guddaa hojjetu.Dabalatees hojii baba’isuu wangeelaa kessatti, akkasumas tajaajila Mucaa Kaayyootiif tumsa guddaa taasisu. Namootni kun carraaqqii isaaniitiin hawaasa waldaa keessattitiif ibsaa fi humna ta’anii tajaajiluu itti fufanii jiru.
