Tajaajilli dargaggoota bal’aa fi murteessa dha. Dargaggootni mana Waaqayyo keessatti, hafuuraan akka deddebi’an akkasumas hariiroon Waaqayyo waliin qaban akka hundee godhatu, dabalatees, kenna isaaniitiin waldaa Kiristaanaa akka tajaajilan tumsa taasisisa. Galmi tajaajila kanaa inni guddan dargaggootni jaalala Kristoosiin lapheen isaanii akka booji’amu hojjechuu dha.
Biiftuu Boolee keessatti, gurmuu aartii “Ifa Biiftuu” jechu hundeessuudhaan bifaa aartii garaagaraatiin namoota bohaarsaa, sagalee wangeelaa dubbatu. Walaloo, do’ii, fi kalaqni addaa addaa gartuu kanaan dhiyaatu dargaggoota kan hawwate, amantootas kan jajjabeessu dha.